Open menu

Afan Oromo

Yuunivarsiitii Wallaggaatti Leenjiin Dandeettii Mala Jireenyaa Barattoota Haaraaf Kenname

Yuunivarsiitii Wallaggaatti barattoota haaraa bara barnootaa 2019 mooraa Yuunivarsiitichaa keessatti ramadamaniif leenjiin dandeettii mala jireenyaa (Life Skills) kennameera.

Leenjiin kun walta’insa Itti Aanaa Pirezidaantii Dhimma Barnootaa, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa akkasumas Kutaa Dagaagina Qaxarrii fi Dhawwansummaa (Entrepreneurship) waliin ta'uun kennamuu iasaa ibsameera.

Qindeessaan leenjichaa fi Itti Gaafatamaan Kutaa Dagaagina Qaxarrii fi Dhawwansummaa, Barsiisaa Showaangizaw Geetachow, akka dubbatanitti leenjichi dandeettii mala jireenyaa, mala dubbisuu fi qo’annoo, itti fayyadama yeroo akkasumas qunnamtii gaarii irratti xiyyeeffachuu ibsaniiru.

Barattoonni leenjicha irratti hirmaatan Gammachuu Tolasaa fi Lailisa Garbaa gama isaaniitiin, leenjiin kun yeroo isaanii sirnaan qindeessuu, mala qo’annoo bu’a qabeessa ta’e hordofuu fi namoota biroo waliin hariiroo gaarii uumuu irratti hubannoo dabalataa akka isaanii kenne dubbataniiru.

Leenjiin kun barattoonni haaraan jireenya mooraa yunivarsiitii wajjin akka madaqanii fi barnoota isaanii milkaa’inaan akka hordofan gargaaruuf kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

Campuses

Main Campus (Nekemte)

Gimbi Campus(Faculty of Social Science and Humanity, Resource Mgmt. and Economics, Natural and Environmental Science , Business and Development )

Shambu Campus(Fuculty of Agriculture, Technology, Resource Mgmt. and Economics )